Torbee duraa, guyyaa jalqabaa!

Torbee duraa, guyyaa jalqabaa!

Torbee duraa, guyyaa jalqabaa Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!

Finfinnee,Guraandhala 16/2018 ALI

Hundeessaa fi Hojiraawwachiisaa Olaanaa Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, kan ta’an Obbo Indaashawu Taganyi marii yeroo darbe raawwattoota waliin taasise bu’uureffachuun, geggeessitootaa fi raawwattoota hundaaf “Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!” jedhu qopheessan guyyaa har’aa  eegalan.

Leenjiin jijjiiraama waaraatiif kennamu kun walitti fufiinsaan ji’a tokkoof kan kennamu yoo ta’u, qabiyyee gurguddoo afuriin, torbee  afuriif kennama.

Leenjiin torbee jalqabaa eenyummaa, torbee 2ffaa sammuu miira abbummaa, torbee 3ffaa gaafatamummaa, torbee 4ffaa itti gaafatamummaa yoo ta’u, leenjiin torbee duraa guyyaa jalqabaa jijjiirama waaraatiif guyyaa har’aa  eegale.

Kaka’umsa isaaniitiin  leenjii kana mata duree “Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!” jedhuun kan qopheessan Hundeessaa fi Hojiraawwachiisaa Olaanaan Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit Obbo Indaashawu Taganyi, leenjichi dirree hojii mijataa, bakka tajaajila rakkoo miseensotaatiif furmaata ta’uu danda’u itti kenninu uumuu bira darbee, jireenya dhuunfaa nama hundaatiif baay’ee barbaachisaa ta’e akka ta’e dubbatan.

Maatii waldaa kanaa ta’uun leenjifamaa leenjii kanaa ta’uu keenyaaf nuti carra qabeessa kan jedhan Obbo Indaashawu Taganyi, kaayyoowwan leenjichaa 10’n tarreessan keessaa, ilaalcha eenyummaa sammuu 100% miira abbummaan itti dhagahamu oomishuu, 100% amala itti gaafatamummaa horachuu, 100% amala gaafatamummaa horachuu, amala kenniinsa tajaajila sadarkaa olaanaa horachuu, sammuu guddinaa horachuu, mul’ata waldichaa uffachuu, cichoomina, sammuu walitti fufiinsaan waan haaraa baratu horachuu fi gochaa bu’aarratti  xiyyeeffate  hojjechuu  isaan ijoo akka ta’e kaasaan.

Hundi keenyaa   100%   miira abbummaa, ittigaafatamumma fi gaafatamummaa uffachuun fayyadamummaa miseensotaa mirkaneessuu qabna kan jedhan Obbo Indaashau Taganyi, leenjicha xiyyeeffannoodhaan akka hordofan kallatti dabarsan.

Bu’uura leenjii kanaatiin, geggeessitoonni fi raawwattoonni  waldichaa sanada mirkaneeffannaa  “100%  miira abbummaa uffachuun ambaasaaddara waldichaa ta’ee afuura maatummaatiin miseensota nan tajaajila, itti gaafatamummaa fudhachuun sababa osoon hin tarreessiin sammuu koo waan haaraa barachuuf qophaa’aa taasisee bu’uura qajeelfama waldichaatiin hanga narraa eegamuu ol hojjechuun miseensota nan tajaajila, gaafatamummaa qabaachuun mul’atamiseensotaa dhugoomsuuf odeeffannoo qulqulluu iftoominaa fi amanamummaa guutuun nan kenna, namummaa gaarii uffachuun obsaan tajaajila si’ata nan kenna jedhu” mallatteessuun waadaa galan.

Itti Aanaa Hoji-raawwachiisaa Olaanaa ‘Operation’ waldichaa kan ta’an Obbo Mulaatu Ba’idee gama isaanitiin, sagantichi kan yeroo eeggate ta’uu kaasuun tokko taanee, fayyadamummaa miseensotaa mirkaneessuu qabna jedhan.

Rakkoo miseensotaatiif furmaata waaraa ta’uuf caalmaatti ka’uu qabna kan jedhan, Itti Aanaa Hoji-raawwachiisaa Olaanaa  ‘Cooperate Sercice’ waldichaa  Dr. Yehaalasheet Dammaqaa  gama isaanitiin, aantummaa miseensotaa uffachuun mul’ata waldichaa dhugoomsuu qabna jedha.

Dhumarratti Obbo Indaashaw, geggeessitoota fi raawwattoota hunda galateeffachuun, leenjii addaa mata duree ‘Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!’ jedhuu kan torbee duraa guyyaa jalqabaa xummuran

 Odeeffannoo dabalataatiif:

Ticktok: @terit.saccos.oromo

You tube: @ethioteritmedia_afaanoromo

Telegram: t.me/teritsacco

Facebook: facebook.com/Afan Oromo

Website: ethioterit.com

Email: info@ethioterit.com

Short Code: 9124

Share this post