Torbee duraa, guyyaa 2ffaa

‘’Torbee duraa, guyyaa 2ffaa !

Torbee duraa, guyyaa 2ffaa Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!

Finfinnee,Guraandhala 17/2018 ALI

Hundeessaa fi Hojiraawwachiisaa Olaanaa Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, kan ta’an Obbo Indaashawu Taganyi marii yeroo darbe raawwattoota waliin taasise bu’uureffachuun, geggeessitootaa fi raawwattoota hundaaf “Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!” jedhu qopheessan  guyyaa  2ffaa itti fiufe.

Leenjiin torbee jalqabaa eenyummaa, torbee 2ffaa sammuu miira abbummaa, torbee 3ffaa gaafatamummaa, torbee 4ffaa itti gaafatamummaa yoo ta’u, leenjiin torbee duraa guyyaa 2ffaa kun mata duree eenyummaa jalatti waa’ee mul’atta jijjiirama waaraatiif guyyaa haraa kenname.

Hiikaan mul’ataa qabiyyee nama  dhuunfaa, hawaasa fi biyya badhaasuu keessatti gahee guddaa qabu kan of keessaa qabuudha kan jedhan Obbo Indaashawu Taganyi, mul’anni waldichaa, “ Dargaggoota hoji-uumtotaaf kaappitaala ka’umsaa fi babal’ina hojiilee daldalaatiif oolu dhiyeessuun abjuu fi abdii isaanii dhugoomsuun hawaasa badhaadhi argu” ta’uu kaasan.

Waldaaleen hojii gamtaa guddina diinagdee biyya tokkoo  keessatti fi haala qaalayiinsa gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kan kaasaan Obbo Indaashawu Taganyi, dargaggoota irratti xiyyeeffachuun keenyas kanumaafi jedhan.

Dargaggoonni humna oomishaa biyya tokkooti kan jedhan Obbo Indaashawu, mul’anni waldaa keenyaa xiyyeeffannoo guddaa kennuun dargaggoota humneessinee  madda galii mataa isaa akka qabaatu taasisuudha jedhan.

Kaka’umsa isaaniitiin leenjii kana mata duree “Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!” jedhuun kan qopheessan Hundeessaa fi Hojiraawwachiisaa Olaanaan Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit Obbo Indaashawu Taganyi, leenjichi dirree hojii mijataa, bakka tajaajila rakkoo miseensotaatiif furmaata ta’uu danda’u itti kenninu uumuu bira darbee, jireenya dhuunfaa nama hundaatiif baay’ee barbaachisaa ta’e akka ta’e dubbatan.

Hundi keenyaa   100%   miira abbummaa, ittigaafatamumma fi gaafatamummaa uffachuun fayyadamummaa miseensotaa mirkaneessuu qabna kan jedhan Obbo Indaashau Taganyi, leenjicha xiyyeeffannoodhaan akka hordofan kallatti dabarsan.

Itti gaafatamtuun Waajjira Hojiraawwachiisaa Olaanaa waldichaa kan ta’an Aadde Alamtsahaayi Taazuu gama isaanitiin, leenjiin akkanaa qophaa’uun isaa sanada waadaa mallatteessine qixe sirriin gara hojiitti hiikuuf bu’uura jedhan.

Itti gaafatamtuun kutaa tajaajila maamiloota waldichaa kan ta’an Aadde Yewubdaar Takluu gama isaaniitiin, gammachuu isaanitti dhagahame ibsachuun, miseensotaaf madda furmaataa waaraa ta’uuf caalmaatti nu kakaasa jedhan.

Akka waldaatti sanada waadaa  waliin qabaachuun adda nu taasisa kan jedhan  Itti gaafatamaa kutaa miidiyaa fi qunnamtii waldichaa kan ta’an Obbo Tashoomaa Baqqalaa, tajaajila quubsaa kennuuf yeroo kamiiyyuu caalaa ni hojjenna jedhan.

Rakkoo miseensotaatiif furmaata waaraa ta’uuf caalmaatti ka’uu qabna kan jedhan, Itti Aanaa Hoji-raawwachiisaa Olaanaa ‘Cooperate Sercice’ waldichaa Dr. Yehaalasheet Dammaqaa gama isaanitiin, aantummaa miseensotaa uffachuun mul’ata waldichaa dhugoomsuu qabna jedha.

Dhumarratti Obbo Indaashaw, geggeessitoota fi raawwattoota hunda galateeffachuun, leenjii addaa mata duree ‘Leenjii Gorsa Ogummaa Hojiraawwachiisaa Olaanaa walitti fufaa akkasumas, Qunnamtii Onneedhaa Onneetti fi Deegarsa dhuunfaa imala jijjiiramaatiif!’ jedhuu kan torbee duraa guyyaa 2ffaa xummuran.

 Odeeffannoo dabalataatiif:

Ticktok: @terit.saccos.oromo

You tube: @ethioteritmedia_afaanoromo

Telegram: t.me/teritsacco

Facebook: facebook.com/Afan Oromo

Website: ethioterit.com

Email: info@ethioterit.com

Short Code: 9124

Share this post