Yaa’ii Walii Galaa Milkiin Xummurame!

Yaa’ii Walii Galaa Milkiin Xummurame!

Waldaan Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit Yaa’ii Walii Galaa Marsaa 9ffaa fi Kabaja Hundeeffamaa Waggaa  4ffaa  Isaa Milkaa’inaan Gaggeesse

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 A.L.I

Yaa’ii walii gala idilee hanga ammaatti geggeesse marsaawwan saddeet, waqxii fi yeroo isaa eeggatee geggeessuun  sadarkaa jalqabarraa kan jiru waldaan kun, guyyaa kaleessaa Yaa’ii Walii gala Idilee Marsaa 9ffaa fi Kabaja hundeeffama waggaa 4ffaa isaa bifa hoo’aa ta’een kabaje.

Sagantaa kabajaa kanarratti Komiishinii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa bakka bu’uun kan argaman Obbo Baddiluu Mallas dabalatee, bakka bu’oonni miseensotaa, miseensonni boordii, miseensonni koree too’annoo, miseensonni koree hoji-raawwachiisaa, hoji-raawwachiistonni waldichaa, hoji-raawwattoonni waldichaa fi keessummoonni kabajaa waamichi taasifameef argamaniiru.

Ergaa baga nagana dhuftanii dhaamuun saganticha haasa’a baniinsaatiin kan saaqaan Walitti Qabaa Boordii waldichaa kan ta’an Obbo Izraa W/Sanbat yoo ta’an, haasaa isaanii keessatti ergaa baga kabaja hundeeffama waggaa 4ffaa waldaa keenyaatiin isin gahees dabarsanii jiru.

Hundeessaa fi Hoj-raawwachiisaa waldichaa kan ta’an Obbo Indaashaawu Taganyee gama isaaniitiin, Kabaja Ayyaana lamaan waldichi kabajeen wal qabatee, ergaa fi dhaamsa guyyichaa kan dabarsan yoo ta’u, Obbo Indaashaawu, haalli guddina waldichaa waan nama raajuudha jedhan.

Keessattuu, haalli guddina waldichaa kan bara baajeta 2018 kallattii fi ulaagaalee garaa garaatiin madaalamee, kanneen bara baajetaa darbaniitirraa adda kan jedhan Obbo Indaashaawu, bu’aa dhufee kanaaf, miseensota koree hoji-raawwachiisaa, hoji-raawwachiistota waldichaa, hoji-raawwattota waldichaa, akkasumas miseensota boordii fi miseensota waldichaa hunda galateeffatan.

Sagantaa guddaa waldichi Ayyaanota lama  itti kabaje kanarratti, gabaasni raawwii hojii bara baajetaa 2018, karoorri bara baajetaa 2019, haalli imala waldichi waggoota 4’f taasisee, bu’aa bahiiwwan keessa darbamee fi milkaa’inoonni galmeeffaman bal’inaan dhiyaateera.

Dabalataaniis, haala fi adeemsa waldichaa dabalatee, ciminoota jiruufi wantoota xiyyeeffannoon itti kennamuun hojjetamuu qaban koreen too’annoo waldichaa bu’aa qorannoo isaaniirratti hundaa’uun gabaasa dhiyeessaniiru.

Kana malees, milkiiwwan  waldichaa bara baajetaa 2018 keessaa tokko kan ta’e, Dhaabbata Tola Ooltummaa Itiyoo Xirriitiin Walqabatee, gabaasni haala hojii fi egeree dhaabbatichaa ibsu dhiyaate.

Dabalataan, waldicha bara baajetaa 2019’tti maal hojjechuuf karoora qaba kan jedhuun wal qabatee, karoori hojii bara baajetaa 2019 dhiyaateera.

Haaluma kanaan saganticharratti gabaasaalee dhiyaatanii fi seerota fooyya’an irratti marii bal’aan taasifamuun gabaasaalee fi seeronni fooyya’an sagalee guutuun raggaasifaman.

Dhumarratti, qaamolee hundeeffamuu waldichaatiif sababa ta’aniif, miseensota liqii fudhatanitti haalaan fayyadamuun of jijjiiranii yeroon osoo hin gahiin deebisaniif, miseensota hirmaannaa guddaa, guddina waldichaa keessatti taasisaniif, miseensota qusannoo isaanii haalaan qusachuun fakkeenya gaarii ta’aa jiraniif, akkasumas qaamolee fi dhaabbilee waldicha waliin ta’anii beekamtiin kennamun sagantichi xummurame

 Odeeffannoo dabalataatiif:

Ticktok: @terit.saccos.oromo

You tube: @ethioteritmedia_afaanoromo

Telegram: t.me/teritsacco

Facebook: facebook.com/Afan Oromo

Website: ethioterit.com

Email: info@ethioterit.com

Short Code: 9124

Share this post