{"id":3386,"date":"2026-06-27T16:03:01","date_gmt":"2026-06-27T13:03:01","guid":{"rendered":"https:\/\/ethioterit.com\/?p=3386"},"modified":"2026-07-24T15:39:57","modified_gmt":"2026-07-24T12:39:57","slug":"torbee-duraa-guyyaa-3ffaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/torbee-duraa-guyyaa-3ffaa\/","title":{"rendered":"Yaa&#8217;ii Walii Galaa Milkiin Xummurame!"},"content":{"rendered":"<p><strong>Yaa&#8217;ii Walii Galaa Milkiin Xummurame!<\/strong><\/p>\n<p><b>Waldaan Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit Yaa&#8217;ii Walii Galaa Marsaa 9ffaa fi Kabaja Hundeeffamaa Waggaa \u00a04ffaa \u00a0Isaa Milkaa&#8217;inaan Gaggeesse<\/b><\/p>\n<p><b>Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 A.L.I<\/b><\/p>\n<p>Yaa\u2019ii walii gala idilee hanga ammaatti geggeesse marsaawwan saddeet, waqxii fi yeroo isaa eeggatee geggeessuun\u00a0 sadarkaa jalqabarraa kan jiru waldaan kun, guyyaa kaleessaa Yaa\u2019ii Walii gala Idilee Marsaa 9ffaa fi Kabaja hundeeffama waggaa 4ffaa isaa bifa hoo\u2019aa ta\u2019een kabaje.<\/p>\n<p>Sagantaa kabajaa kanarratti Komiishinii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa bakka bu\u2019uun kan argaman Obbo Baddiluu Mallas dabalatee, bakka bu\u2019oonni miseensotaa, miseensonni boordii, miseensonni koree too\u2019annoo, miseensonni koree hoji-raawwachiisaa, hoji-raawwachiistonni waldichaa, hoji-raawwattoonni waldichaa fi keessummoonni kabajaa waamichi taasifameef argamaniiru.<\/p>\n<p>Ergaa baga nagana dhuftanii dhaamuun saganticha haasa\u2019a baniinsaatiin kan saaqaan Walitti Qabaa Boordii waldichaa kan ta\u2019an Obbo Izraa W\/Sanbat yoo ta\u2019an, haasaa isaanii keessatti ergaa baga kabaja hundeeffama waggaa 4ffaa waldaa keenyaatiin isin gahees dabarsanii jiru.<\/p>\n<p>Hundeessaa fi Hoj-raawwachiisaa waldichaa kan ta\u2019an Obbo Indaashaawu Taganyee gama isaaniitiin, Kabaja Ayyaana lamaan waldichi kabajeen wal qabatee, ergaa fi dhaamsa guyyichaa kan dabarsan yoo ta\u2019u, Obbo Indaashaawu, haalli guddina waldichaa waan nama raajuudha jedhan.<\/p>\n<p>Keessattuu, haalli guddina waldichaa kan bara baajeta 2018 kallattii fi ulaagaalee garaa garaatiin madaalamee, kanneen bara baajetaa darbaniitirraa adda kan jedhan Obbo Indaashaawu, bu\u2019aa dhufee kanaaf, miseensota koree hoji-raawwachiisaa, hoji-raawwachiistota waldichaa, hoji-raawwattota waldichaa, akkasumas miseensota boordii fi miseensota waldichaa hunda galateeffatan.<\/p>\n<p>Sagantaa guddaa waldichi Ayyaanota lama \u00a0itti kabaje kanarratti, gabaasni raawwii hojii bara baajetaa 2018, karoorri bara baajetaa 2019, haalli imala waldichi waggoota 4\u2019f taasisee, bu\u2019aa bahiiwwan keessa darbamee fi milkaa\u2019inoonni galmeeffaman bal\u2019inaan dhiyaateera.<\/p>\n<p>Dabalataaniis, haala fi adeemsa waldichaa dabalatee, ciminoota jiruufi wantoota xiyyeeffannoon itti kennamuun hojjetamuu qaban koreen too\u2019annoo waldichaa bu\u2019aa qorannoo isaaniirratti hundaa\u2019uun gabaasa dhiyeessaniiru.<\/p>\n<p>Kana malees, milkiiwwan\u00a0 waldichaa bara baajetaa 2018 keessaa tokko kan ta\u2019e, Dhaabbata Tola Ooltummaa Itiyoo Xirriitiin Walqabatee, gabaasni haala hojii fi egeree dhaabbatichaa ibsu dhiyaate.<\/p>\n<p>Dabalataan, waldicha bara baajetaa 2019\u2019tti maal hojjechuuf karoora qaba kan jedhuun wal qabatee, karoori hojii bara baajetaa 2019 dhiyaateera.<\/p>\n<p>Haaluma kanaan saganticharratti gabaasaalee dhiyaatanii fi seerota fooyya\u2019an irratti marii bal\u2019aan taasifamuun gabaasaalee fi seeronni fooyya\u2019an sagalee guutuun raggaasifaman.<\/p>\n<p>Dhumarratti, qaamolee hundeeffamuu waldichaatiif sababa ta\u2019aniif, miseensota liqii fudhatanitti haalaan fayyadamuun of jijjiiranii yeroon osoo hin gahiin deebisaniif, miseensota hirmaannaa guddaa, guddina waldichaa keessatti taasisaniif, miseensota qusannoo isaanii haalaan qusachuun fakkeenya gaarii ta\u2019aa jiraniif, akkasumas qaamolee fi dhaabbilee waldicha waliin ta\u2019anii beekamtiin kennamun sagantichi xummurame<\/p>\n<p><strong>\u00a0Odeeffannoo dabalataatiif:<\/strong><\/p>\n<p><strong>Ticktok:<\/strong> <a href=\"https:\/\/www.tiktok.com\/@terit.saccos.oromo?_r=1&amp;_t=ZS-97TmetrNVK8\">@terit.saccos.oromo<\/a><\/p>\n<p><strong>You tube:<\/strong> <a href=\"https:\/\/www.youtube.com\/@ethioteritmedia\">@ethioteritmedia_afaanoromo<\/a><\/p>\n<p><strong>Telegram:<\/strong> <a href=\"https:\/\/t.me\/teritsacco\">t.me\/teritsacco<\/a><\/p>\n<p><strong>Facebook:<\/strong> <a href=\"https:\/\/www.facebook.com\/share\/1CufjnJS1z\/?mibextid=wwXIfr\">facebook.com\/Afan Oromo<\/a><\/p>\n<p><strong>Website:<\/strong> <a href=\"https:\/\/ethioterit.com\/am\/\">ethioterit.com<\/a><\/p>\n<p><strong>Email:<\/strong> info@ethioterit.com<\/p>\n<p><strong>Short Code:<\/strong> 9124<\/p>","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Yaa&#8217;ii Walii Galaa Milkiin Xummurame! Waldaan Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit Yaa&#8217;ii Walii Galaa Marsaa 9ffaa fi Kabaja Hundeeffamaa Waggaa \u00a04ffaa \u00a0Isaa Milkaa&#8217;inaan Gaggeesse Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 A.L.I Yaa\u2019ii walii gala idilee hanga ammaatti geggeesse marsaawwan saddeet, waqxii fi yeroo isaa eeggatee geggeessuun\u00a0 sadarkaa jalqabarraa kan jiru waldaan kun, guyyaa kaleessaa Yaa\u2019ii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":3397,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_acf_changed":false,"footnotes":"","_members_access_role":[],"_members_access_error":""},"categories":[8],"tags":[],"class_list":["post-3386","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-news"],"blocksy_meta":{"styles_descriptor":{"styles":{"desktop":"","tablet":"","mobile":""},"google_fonts":[],"version":6}},"acf":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3386","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3386"}],"version-history":[{"count":6,"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3386\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3400,"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3386\/revisions\/3400"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/media\/3397"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3386"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3386"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ethioterit.com\/am\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3386"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}