
Oolmaa Yaa’ii Walii galaa Waggaa 3ffaa Marsaa 8ffaa Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriitiin maaltu ta’e?
Oolmaa yaa’ichaatiin gabaasni Inspeekshinii, gabaasni odiitii bara baajetaa 2017 ALI, gabaasni koree too’annoo waldichaa, gabaasni raawwii hojii ji’a 6, bara baajetaa 2018 ALI, gabaasni qorannoofi qo’annoo waldichaa bifa nama hawwatuu fi bu’uura labsii waldaalee hojii gamtaa qabuun dhiyaate.
Gabaasa Inspeeksinii waldichaa kan dhiyeessan Komiishinii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaatti, Ittigaafatamtuu Deeskii Inspeekshinii kan ta’an Aadde Naardoos Tsaggaa, waldichi waldaa seeraa fi danbii labsii waldaalee hojii gamtaa haalaan bu’uura godhateen kan hundaa’eefi miseensota isaa tajaajilaa jiru ta’uu ibsan.
Aadde Naardoos, kenniinsa tajaajilaa fi hojimaata waldichaa, akkasumas aantummaa hojjettoonji, geggeessitoonnii fi hojiraawwachiistoonni waldichaaf qabaniif galata galchan.
Dabalataan, gabaasni odiitii bara baajetaa 2017 ALI, Komiishinii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaatti, Ogeessa Odiitii kan ta’an Obbo Tasfaayee Aabbootiin kan dhiyaate yoo ta’u, Obbo Tasfaayeen tokkoon tokkoon gabaasa odiitii ibsa bal’aa waliin dhiyeesse.
Obbo Tasfaayeen gabaasa isaanii keessatti waldichi yerodhaa gara yerootti bu’aa ajaa’ibaa buusaa kan jiru ta’uu gabaasaalee oditii waldichaa kan yeroo darbeetiin wal bira qabaa ibsaa turan.
Hojimaanni waldaalee hojii gamtaa, hojimaata dhaabbileee faayinaansii biroo irraa adda kan jedhan obbo Tasfaayeen, waldaan kun bu’uura labsii waldaalee hojii gamtaatiin hojjetaa kan jiru ta’u, odiitiin keenyaan argine jedhan.
Dhumarratti Obbo Tasfaayeen, gabaasa Odiitti harka guutuun raggaasisuun, bu’aan argama gara kaaphitaalaatti akka guddatuuf miseensotaa fi bakka bu’oota miseensotaatiin murteeffame.



